Fana: At a Speed of Life!

Dhadhaan wantoota fayyaa namaaf balaa ta’e waliin makamee gabaaf dhiyaachuuf ture kuntaalli 93 too’ame

Finfinnee, Muddee 17, 2013 (FBC) – Dhadhaan wantoota fayyaa namaaf balaa ta’e waliin makamee gabaaf dhiyaachuuf ture kuntaalli 93 too’atamuu Abbaan Taayitaa Too’annoo Nyaataa fi Qorichaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Dhadhaan Birrii miiliyoona 1.6tti tilmaamamu kuntaallii 93 wantoota fayyaa namaaf balaa ta’an waliin makuun gabaaf dhiyaachuuf ture too’atamuu Abbaan Taayitichaa beeksiseera.

Dhadhichi Muddee 15 fi 16, 2013 naannoo Kibbaa godina Kafaa magaalaa Waachaa ganda Qullushitti opporeeshinii gabaatti gaggeeffameen too’atameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.