Dhaabbileen tumsitoota misoomaa deeggarsa taasisuu akka itti fufan gaafatame
Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Dhaabbileen tumsitootaa boqonnaa haaraa hojiilee riifoormii fi rakkoolee hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa Ityoophiyaa dhaabuuf hojiilee hojjetamaa jiran deeggaruu akka itti fufan Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen gaafatan.
Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee fi Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Yinnaagar Dassee, Walga’ii waggaa Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaarratti walga’ii Ministirtoota Maallaqaa biyyoota Gareewwan Torban (G7) irratti hirmaataniiru.
Walga’ichi karoora waloo to’annoo liqaa hojiirraa oolchuu fi dhaabbileen tumsitootaa idil addunyaa hariiroo diinagdee Afrikaa waliin qabaan haala cimsuun danda’amurattis kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.
Walga’icharrattis Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee haasawaa taasisaniin, Ityoophiyaan hojiilee riifoormii wayita hojjechaa jirtutti bu’aalee diinagdee argamanii fi rakkoolee waggoottan muraasa darban mudatanirratti ibsa kenanniru.
Akkasumaas mootummaan adeemsa keessa damee diinagdee seektara dhuunfaaf banaa jiraachuu ibsaniiru.
Ministirichi dabalataan, gufuulee diinagdee furuu fi gahee Ityoophiyaan tasgabbii naannawaa Gaanfa Afrikaa keessatti qabdu hubachuun, dhaabbileen tumsitoota misoomaa deeggarsa taasisuu akka itti fufan gaafataniiru.
Akkasumaas, dhaabbileen tumsitootaa, riifoormii mootummaan Ityoophiyaa qormaatilee garaagaraa keessatti gaggeessaa jiru, egeree diinagdee cimaa ijaaruu fi Gaanfaa Afrikatti jijjiiramaa fiduuf tumsaa taasisaa jiraniif galateeffatanii, rakkoolee hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa furuuf boqonnaa riifoormii haaraa Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu tumsuu akka itti fufan abdii qaban ibsu ragaan Waashingitanitti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.