Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen tika nageenyaa Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa dhimmoota naannoo fi ijaarsa dandeettirratti tumsaan hojjechuuf walii galan

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (FBC) – Dhaabbileen tika nageenyaa Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa dhimmoota naannoo fi ijaarsa dandeettirratti tumsaan hojjechuuf walii galaniiru.

Daayreektarri tajaajila tika nageenyaa fi odeeffannoo biyyaalessaa jeneraal Tamasgeen Xirunahii fi Daayreektarri odeeffannoo biyya keessaa Sudaan Kibbaa Jeneraal Akool Koor Kuuk waliin dhimmoota waloorratti marii taasiisaniiru.

Dhaabbatichi ibsa Faanaa Broodkaasitiing Korporeetiif ergeen, Dhaabbileen tika nageenyaa Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa dhimmoota naannoo fi dhimmoota nageenyaarratti hojiilee tumsaan hojjechaa turan cimsanii itti fufuuf walii galuu ibseera.

Keessattuu daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa, shororkeessummaa fi sosochii seeraan alaa naannoo dangaatti muul’atan ilaalchisee odeeffannoo wal jijjiiruun tasgabbii fi nageenya naannichaa mirkaneessuuf murannoon kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbileen tika nageenyaa Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa dameewwan ijaarsa dandeettirratti tumsaan hojjechuuf walii galuu isaanii kan eere ibsichi,Tajaajila Tika nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa jalatti kan argamu gama Yuunvarsiitii Koolleejjii odeeffannoo biyyaalessaan ogeeyyii Sudaan Kibbaaf leenjii laachuuf waliigalteerra ga’uu ibseera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.