Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Tika Nageenyaa Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa dameewwan ijaarsa dandeettirratti waliin hojjechuu eegalan

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2013 (FBC) – Dhaabbileen Tika Nageenyaa Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa dameewwan ijaarsa dandeettirratti waliin hojjechuuf haaluma waliigalaniin hojii qabatamaatti galuu beeksiisan.

Dhaabbileen lameen dhimmoota naannoorratti odeeffannoo waljijjiiruu fi ijaarsa humna namaarratti waliin hojjechuuf haaluma waliigaltee mallatteessaniin gara hojii qabatamaannii galuu isaanii Tajaajjilli Tika Nageenyaa fi Odeeffaannoo Biyyaalessaa beeksiiseera.

Daayreektarri jeneeraalaa Tajaajjila Tika Nageenyaa fi Odeeffaannoo Biyyaalessaa obbo Tamasgeen Xirunehi har’a jila daayreektara jeneraalaa Biiroo Odeeffannoo biyya keessaa Sudaan Kibbaa Alkool Kooriin durfamu simachuun dhimmoota waloo fi naannichaarratti marii taasiisaniiru.

Dhaabbileen Tika nageenyaa biyyoota lamaanii daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa dabalatee, dhimmoota Shororkeessummaa fi sosochii seeraan alaa naannoo daangaatti muul’aturratti odeeffannoo wal jijjiiruun nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessurratti hojii bu’aa qabeessa hojjechuu Tajaajjilli Tika Nageenyaa fi Odeeffaannoo Biyyaalessaa Faanaa Broodkaastiingi Korporeetiif ibsa ergeen eereera.

Yeroo itti aanu Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa tumsa tarsiimoo isaanii caalmaatti cimsuun Baha Afrikaatti nagaa fi Tasgabbiin akka bu’uuf dameewwan odeeffannoo fi nageenyarratti qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsichi eereera.

Jilichi mariin booda Yuunvarsiitii Koolleejjii Odeeffaannoo Biyyaalessaa daawwateera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii
https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.