Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Raashiyaa Invastimantiin Naannawaa Daldala Bilisaa Dirree Dawaatti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsan

Finfinnee, Bitootessa 27, 2015(FBC)- Dhaabbileen oomishtoota konkolaataa Raashiyaa hojii invastimantiin Naannawaa Daldala Bilisaa Dirree Dawaatti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Bakka buutonni dhaabbilee oomishtoota konkolaataa Laadaafi Gaaz Giruuppi irraa dhufan Ittaanaa Hojii Raawwachiisaa Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Shifarraawu Salamoon waliin mari’ataniiru.

Bakka buutota kanneeniif haalota mijatoo invastimantii paarkiiwwan indaastirii keessatti argamaniifi Naannawaa Daldala Bilisaa Dirree Dawaarratti ibsi kennameera.

Kana malees bakka buutonni kunneen sochii hojiifi adeemsa oomishaa Paarkiiwwan Indaastirii Boolee Lamiifi Qilinxoo daawwachuu eerameera.

Bakka buutonni kunneen hojii invastimantiin Naannawaa Daldala Bilisaa Dirree Dawaatti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsuusaanii ragaan korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.