Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen odeeffannoo Itiyoophiyaa fi Keeniyaa oppireeshinii naannaawaa daangaatti eegalan cimsanii itti fufuuf kallattii kaa’an

Finfinnee, Hagayya 15, 2016 (FBC) – Dhaabbileen odeeffannoo Itiyoophiyaa fi Keeniyaa oppireeshinii garee shororkeessitoota naannaawaa daangaa biyyoota lamaan gidduu socho’anirratti eegalan cimsanii itti fufuuf kallattii kaa’aniiru.

Jilli Daayrektera jeneraalaa Tajaajila Odeeffannoo Keenyaa Nuuraddiin Mahammad Hajjiin durfamu daawwannaa hojiif Finfinnee galeera.

Jilichi waayita buufata Xiyyaaraa idil Addunyaa Boolee gahu Daayrektera Jeneraalaa Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo biyyaalessaa Ambaassaaddar Reedwaan Huseeniin simatameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.