Dhaabbileen nageenya odeeffannoo Ityoophiyaafi Keeniyaa yakkoota garaagaraa waloon ittisuuf waliigalan
Finfinnee, Sadasa 5, 2015(FBC)- Dhaabbileen nageenya odeeffannoo Ityoophiyaafi Keeniyaa shororkeessummaa, daddabarsa namaa seeraan alaafi yakkoota qindaa’an waloon ittisuuf waliigaluu ibsame.
Dhaabbileen biyyoota lameenii shororkeessummaa, daddabarsa meeshaalee waraanaa, mallaqa seeraan alaa, daddabrsa namaa seeraan alaafi yakkoota qindaa’aa waloon ittidsuuf guyyaa har’aa waliigaltee waliif mallatteessaniiru.
Waliigalticha Daayrektarri Olaanaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa obbo Tamasgeen Xuruneefi Daayrektarri Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo Biyyaalessaa Keeniyaa Meejer Jeneraal Filiip Kaamuuruun mallatteessuu ibsameera.
Ityoophiyaan Baha Afrikaattis ta’ee gaanfa Afrikaatti rakkoolee nageenyaa haala qindaa’aa ta’een ittisuuf biyyoota Afrikaa hedduu waliin waliigaltee tumsaa mallatteessuu eeruun, waliigaltee kana cimsuun nageenyaafi tasgabbii ardichaa mirkaneessuun kan danda’amu ta’uu ibsaniiru.
Dursaan garee jila Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Keeniyaa Dooktar Sayif Saalem Suleemaan gamasaaniin, shororkeessummaa, daddabarsa meeshaalee waraanaa, daddabarsa namootaafi maallaqaa seeraan alaa akkasumas yakkoonni qindaa’oon nageenya Baha Afrikaa yaaddoo waan ta’aniif rakkoolee kanneen qolachuuf Ityoophiyaa waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Jilichi guyyaa kaleessaarraa eegalee Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo, Inistiitiyuutii Artifishaal Intalajansii, Gola Ambaa Saayinsiifi Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa daawwachuu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.