Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Nageenya Odeeffannoo Ityoophiyaa fi Somaaliyaa Shororkeessummaa Ittisuuf tumsaan hojjechuuf walii galan

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2015 (FBC) – Dhaabbileen Nageenya Odeeffannoo Ityoophiyaa fi Somaaliyaa Shororkeessummaa Ittisuuf tumsaan hojjechuuf walii galaniiru.

Dhaabbileen kunneen shororkeessummaa Ittisuuf bobbii waloo cimsaanii itti fufuuf walii galaniiru.

Sodaa nageenyaa Shororkeessitootaan lammiileerra ga’u hambisuuf qabsoo farra shororkeessummaa waloon cimsanii kan itti fufan ta’uu Itti Aanaan Daayrektaraa Jeneraalaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Obbo Sisaay Tolaan ibsaniiru.

Dameewwan hojii ijaarsa dandeettii fi odeeffannoo waljijjiiruuratti tumsaan hojjechuuf walii galamuu eerameera.

Haleellaa tibbana lammiilee nagaarratti raawwatame ilaalchisee qorannoo gaggeeffamuuf tumsuuf jilli Ityoophiyaa gara sana ergamuu Obbo Sisaay eeraniiru.

Deeggarsa mootummaan Ityoophiyaa taasiiseef Daayrektarri Jeneraalaa Intalajansii Biyyaalessaa fi Ejansii Nageenyaa Somaaliyaa Maahad Mohaammad galateeffataniiru.

Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad haleellaan shororkeessummaa mudachuu hordofee, hawaasni idil Addunyaa miidhaamtootaaf deeggarsa akka taasisan waamicha dhiyeessuu hordofee meeshaalee wal’aansaa arjoomuu tajaajilichi ibseera.

Deeggarsichas Minitirri Fayyaa Somaaliyaa Dooktar Alii Haajii Adam fuudhaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, gochaaleen akkanaa akka irra hindeebi’amne qaamolee tikaa fi nageenyaa biyyatti waliin walta’iinsa fi michummaan hojjechuu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsameera.

Gareen shororkeessaa Alshabaab Sanbata Onkololeessa 19, 2015 halleellaa raawwateen namoonni nagaan 100 du’uu fi namoota 300 irra ammoo miidhaan salphaa fi ulfaataan akka ga’ee eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.