Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen mootummaa federaalaa fi naannoo bakkoota garaagaraatti biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 15, 2014 (FBC) – Hojjettoonnii fi hoggantoonni Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii fi jiraattoonni Godina Arsii Aanaa Martii biqiltuu dhaabaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa kanarratti Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injiinar Aayishaa Mohaammadii fi Miseensota Koree Hoji Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa Dooktar Alamuu Simee hirmaataniiru.

Naannawaleen hedduun guyyuu gara gammoojjummaatti jijjiiramaa waan jiraniif waajjirri ministeerichaa lafa mootummaarraa ittigaafatamumman fudhate irra biqiltuu dhaabuun hawaasa waliin ta’uun tuttuqqaa beeyladootaarraa walaba akka ta’uuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantaa kanaan biqiltuun kumni 20 ol kan dhaabaman yoo ta’u, lammiilee sadarkaa jireenyaa gadaanaa keessatti argaman 20’f mana ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Dabalataanis, barattoota hawaasa harka qalleeyyii 600’f meeshaalee barnootaa fi qonnaan bultoota 21’f deeggarsi paampii bishaanii taasifameera.

Akkasumas, Ministeerri Nageenyaa Embaasii Israa’eel waliin ta’uun, sagantaa ashaaraa magariisaatiin mooraa embaasichaa keessa biqiltuu dhaabaniiru.

Saganticharratti Ministirri Ministeerichaa Obbo Binnaalfi Anduwaalam, hariiroon mootummaa Ityoophiyaa fi Israa’eel seenaa baroota dheeraa akka qabu ibsanii, biyyoonni lameen hojiilee misoomaa fi ijaarsa nageenyaarratti walta’iinsaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Waloon biqiltuu dhaabuun qindoominaa jiru caalmaan cimsuuf ni tumsa jedhaniiru.

Gama biraatiin, Hojjattoonni Komishiinii Naamusaa fi Farra Malaammaltumma Oromiyaa Damee Giddugalassa Kibbaa, Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaashamannneetti biqiltuu dhaabaniiru.

Hoji Gaggeessaan Damichaa Obbo Dajanee Dirribaa biqiltuun galaa dhaloota boruu, fala jijjiirama qilleensaa fi gurgurtaa karbooniiti jedhan.

Biqiltuuwwan dhaabaman kanneen firiin isaanii nyaataman, qorichaa fi gaaddisaaf oolaniidha jedhan.

Sababa biqiltuuwwan bara darbee dhaabamanii lataniin bineensonni bosonaa tokko tokko mul’achuu fi lolaan midhaan balleessu hir’achuu qonnaan bultoonni naannawichaa dubbataniiru.

Sirna dhaabbii kanarratti hojjattoonni komishiinichaa fi hawaasni naannawaa hirmaataniiru.

Jibiriil Huseenii fi Tsaggaayee Wandasaniitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.