Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen misoomaa Mootummaa bu’a qabeessummaa irratti fuulefachuu qabu-Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Dhaabbileen misoomaa Mootummaa galii maddisiisuu, baasii fi qisaasama hir’isuun bu’a qabeessummaarratti fuuleffachuun hojjechuu akka qaban Pireezidaantiin Ittaanaa Naannoo Oromiya Obbo Awwaluu Abdiin ibsan.

Raawwiin Hojii kurmaana 2ffaa Dhaabbilee Misoomaa bakka Obbo Awwaluu Abdii argamanitti qoratameera.

Dhaabbileen Misooma Oromiyaa dinagdee biyyaa jijjiiruuf hoggansa tarsiima’aa kennuun, teknoloojii fi qabeenya uumamaa akka naannootti jiru akka walsimu taasisuun bu’a qabessummaa fi si’oomina dabaluun karoora xiiqii qabame milkeessuuf kutannoon irratti hojjetamuu akka qabu gamaaggama kanarratti eerameera.

Gamaaggamicharratti gabaasni raawwii ji’a jahaa Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa (Tumsa development Group, Agroo Group Oromiyaa fi Baankiin Siinqee) dhiyaachuun qoratameera.

Haaluma kanaan dhaabbileen misoomaa hojiin fooyya’insa hojjechaa jiraatanis karoora qabame milkeessuuf hojiilee bal’aan kan hafan ta’uun ibsameera.

Gabaasa Baankii Siinqee dhiyaateen ji’a jaha keessatti Birrii biiliyoona 9.36 galmeessuun Baankota jiran keessaa sadarkaa 3ffaa irratti argama jedhaniiru.

Baankichi tajaajila liqii Birrii biiliyoona 2.21 kennuu fi baatii jaha keessatti damee haaraa 55 banuun hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Obbo Awwaluu Abdii kallattii hojii kennaniin Dhaabbileen misoomaa galii maddisiisuu fi baasiif qisaasama hir’isuun bu’a qabeessummaa irratti fuuleffachuun hojjechuun murteessaa ta’uu akeekuu ragaan kominikeshini naannichaarraa argame ni mul’isa.

Hojiilee diinagdee naannichaa fooyyessuuf hojjetamaa jiraniinis oomishaalee alergiif oolan irratti ciminaan hojjechuun barbaachisaa akka ta’e himan.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.