Dhaabbileen misoomaa mootummaa 8 Invastimantii Holdiingii Itiyoophiyaatti makaman
Finfinnee, Mudde 24, 2017 (FMC)- Dhaabbileen misoomaa mootummaa 8 Invastimantii Holdiingii Itiyoophiyaatti makamaniiru.
Dhaabbileen kunneenis, Poostaa Itiyoophiyaa, Garee Itiyoo-Injiinariingii, Dhaabbata Misooma Galteewwan Indaastirii Itiyoophiyaa, Koorporeeshinii Geejjibaa Baaburaa Itiyoophiyaa, Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii, Baankii Misoomaa Itiyoophiyaa, Humna Elektirikii Itiyoophiyaa fi Inistiitiyuutii Eegumsa Fayyaa Beeyladootaa Biyyaalessaa ta’uun eerameera.
Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Investimenti Hooldiingii Itiyoophiyaa, dhaabbata isaanii jalatti dhaabbilee misooma 40 abbummaan kan bulchuudha ta’uu ibsan.
Dhaabbatichi bulchiinsa koorporeeti dhaabbilee misoomaa mootummaa fi bu’aa qabeessummaa fooyyessuun hojii milkaa’aa gaggeessaa jiraachuu dubbataniiru.
Dhaabbileen misoomaa mootummaa qabeenyaa qaban beekuun, sirnaan bulchuu fi faayidaa biyyaaf oolchuuf xiyyeeffannnaan hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.
Miseensi Boordii Investimenti Hooldiingii Itiyoophya fi Hoji Raawwachiistuun Itiyoo Teelekoom Fireehiiwoot Taammiruun akka jedhanitti, galii maddisiisuu dhaabbilee misoomaa mootummaa, bu’uuraalee misoomaa ijaaruu fi carraa hojii uumuun gahee olaanaa qabu.
Hojiilee bizinasii Sadarkaa biyyaalessaa fi idil addunyaatti dorgomaa, bu’aa qabeessaa fi waaraa ta’e saffisiisuuf dhaabbileen misoomaa kunneen, gumaa’iinsa dhaabbatummaa fi imaammataan cimoo ta’uu akka qaban eeruu Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia