Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen miidiyaa idil addunyaa odeeffannoon Ityoophiyaa ilaalchisee tamsaasan madaalawaa kan hin taaneedha-QRLYA

Finfinnee, Hagayya 5, 2013 (FBC)- Dhaabbileen miidiyaa idil addunyaa odeeffannoo Ityoophiyaa ilaalchisee tamsaasaa jiran kan waldhahee fi madaalawaa kan hin taanee jechuun Qulqulleessi Ragaa Labsii Yeroo Arifachiisaa beeksiseera.

Mootummaan gareen shororkeessaa ABUT hojii shira xaxuu biyya diiguu raawwataa jiru fashaleessuuf lammiileen biyyasaanii garichaarraa akka eeganiif shooraasaanii akka ba’aatan waamicha dhiyeessuun isaa ni yaadatama.

Yaa ta’uu malee dhaabbilee miidiyaa idil addunyaa waamicha biyyoolessaa dhiyaatee ergaa dhiigumsaasaanii raawwachuuf karaa dogogoraa fi waldhaheen odeeffannoo tamsaasaa jiraachuu ibsameera.

Qulqulleessi Ragaa Labsii Yeroo Arifachiisaa dhimmicha ilaalchisee ibsa baaseen, mootummaan Ityoophiyaa waamicha birmadummaa biyyaa kabachiisuu lammiilee miiliyoona 100’f dabarsee dhaabbileen miidiyaa kunneen odeeffannoo waldhahee fi madaalawaa hin taanee tamsaasaa jiraachuudha kan hubachiisee.

Keessayu dhaabbileen miidiyaa Biluumbarg, Alja Ziiraa, Zee Gaardiyaan, BBC, Rooyitars, Faayinaashiyaal Taayims, Ajaans Firaans preesii fi kanneen biroon odeeffannoo waldhahaa gabasuusaanii ibseera.

Gama biraanis dhaabbileen miidiyaa kunneen gareen shororkeessaa ABUT naannolee Amaaraa fi Affaariitti lammiilee nagaarratti haleellaan raawwataa jiruu fi dhimmicharratti callisuun isaanii kaayyoon isaanii ifaadha jechuun ibseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.