Dhaabbileen “Maaddii Dhalootaaf” deeggarsa taasisuu itti fufaniiru
Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)-Dhaabbilee fi qaamoleen garaagaraa Pirojektii “Maaddii Dhalootaaf” deeggarsaa taasisuu itti fufuu Waajjiri Muummee Ministiraa beekiseera.
Waajjirichi dhaabbilee pirojektichaaf deeggarsa taasisaan marsaa 4ffaa ifoomseera.
Haaluma kanaan, Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Birri miiliyoona 51 fi luma 133 fi 187, Baankiin Daashan Birri miiliyoona 72 fi kuma 614 fi 50, Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Birrii miiliyoona 25, Intarpiraayiziin Daandii Kaffaltii Ityoophiyaa Birrii miiliyoona 16 deeggarsa taasisuu beeksiseera.
Kana malees, Giruuppiin Seencharii Birrii miiliyoona 20, Riil Isteetiin Fiisan Birrii miiliyoona 13, Riil Isteetiin Giifti Birrii miiliyoona 12 tumsa taasisuu eereera.
Dhaabbileen kunneen akkaataa waadaa seenaaniin deeggarsa maallaqichaa raawwachuu kan eere waajjiirichi, waamicha pirojektii “Maaddiin Dhalootaaf” simachuun ittigaafatama kanneen fudhatan, akkasumas Ityoophiyaa dhaloota dhufu madaaltu ijaaruuf kanneen gahee bahatan galateeffateera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.