Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Indaastirii Paarkii Hawaasatti argaman guyyaan haguuggii fuulaa kuma 10 ol oomishaa jiru

Finfinnee, Eebila 4, 2012(FBC) – Dhaabbileen Indaastirii Paarkii Hawaasatti argaman guyyaan haguuggii fuulaa kuma 10 ol oomishaa jiraachuu Muummeen Ministiraa Dooktar Abiya Ahimad ibsan.
 
Indaastiriiwwan Ityoophiyaatti argaman haala yeroo bu’ureeffachuun hojjechaa jiraachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Haaluma kanaan dhaabbileen Indaastirii Paarkii Hawaasatti argaman hojii isaanii osoo hin dhaabiin fedhii ariifachiisaa guutuuf dhama’aa jiru jedhan.
 
Yeroo ammaatti guyyaan haguuggii fuulaa kuma 10 oomishaa kan jiran yoo ta’u, oomisha isaanii guyyaan kuma 50tti ol guddisuuf karoorfachuu isaanii ibsaniiru.
 
Hojjii Indaastiriiwwan kanneenii kan jajjabeessan Muummeen Ministiraa, dhaabbileen biroos oomishaalee haala yeroof barbaachisanii fi qalaqaan deeggarame raawwachuu qabu jedhan.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.