Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen garagaraa buqqaatotaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 4.8 taasisaan

Finfinnee, Muddee 7, 2014 (FBC)- Ministeerri Bishaanii, Jallisii fi Inarjii fi dhaabbilee itti waamamoon naannoo Affaariitti sababa waraanaatin lammiilee qe’ee fi qabeenyaa isaaniirra buqqa’aaniif deeggarsa akaakuu garaagaraa Birrii miiliyoona 4.8tti tilmaamamuu taasisaniiru.

Deeggarsicha Ministirri Ministeera Bishaanii, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinaar Habtamuu magaalaa Samaraatti argamuun preezdaantii naannoo Affaar Obbo Awwal Arbaaf laataniiru.

Affaar bakka argama dhala namaa qofaa osoo hin taane, birmadummaa biyyaaf warra dhaabbate ta’uus qabatamaan agarsiiseera jedhan.

Miidhaan ABUT naannoolee Amaaraa fi Affaaritti geessise dandamachiisuuf  Ministeerri Bishaanii, jallisii fi Inarjii hojii guddaa hojjetaa jira jedhan.

Fuulduraafis ummata gareen shororkeessaa ABUT rakkoof saaxile dandamachiisuuf deeggarsa walirraa hin cinne kan taasisaan ta’uu ibsaniiru.

Deeggarsicha kan fuudhan preezdaantiin Naannoo Affaar obbo Awwal Arbaan keessummoota argaman simachuun ABUT diina waggoota hedduuf Ityoophiyaa saamee fi guddina Ityoophiyaa quucarse ta’uusaarra deebiin agarsiisaa jira jedhan.

Obbo Awwal deeggarsa taasifameefis galateeffataniiru.

Balaay Tesfaayeetu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.