Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen garaagaraa raayyaa ittisa biyyaa fi lammiilee buqqa’aniif deeggarsa maallaqaa fi akaakuu taasisan

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC)- Dhaabbileen garaagaraa raayyaa ittisa biyyaa fi lammiilee sababa waraanaatiif qe’ee fi qabeenyaasaaniirra buqqa’aniif deeggarsa akaakuu garaagaraa Birrii miiliyoona 16.8tti tilmaamamuu fi maallaqaa taasisaniiru.

Dhaabbileen kunneen deeggarsa taasisaan Itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee obbo Zhaanxiraar Abbaayiif laataniiru.

Deeggarsichas kan taasisaan Biiroo Galiiwwanii magaalaa Finfinnee, Mana Amantaa Ortodoksii Iyyarusaaleem Ityoophiyaa, dhaabbata dhuunfa tireeniing Balsiitii, dhaabbata alkoolii fi dhugaatii Baalazaaf fi dhaabbata dhuunfa itti gaafatamummaan isaa murtaa’ee Feeveen Treeniingidha.

Obbo Zhaanxiiraar Abbaay deeggarsa dhaabbileen kunneen taasisan galateeffachuu ragaan waajjira preesii Seekretariyaatii magaalaa Finfinneerraa argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.