Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen garaagaraa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi lammiilee buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 67 ol taasisan

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Dhaabbileen garaagaraa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi lammiilee gochaa garee shororkeessaa ABUTiin qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 67 fi miiliyoona 3 ol taasisuu ibsame.

Haaluma kanaan Biiroon Hojii Interpiraayizii fi Misooma Indaastirii magaalaa Finfinnee Birrii miiliyoona 46 fi miiliyoona 8, Ejensiin Fandii Hawaasaa Birrii miiliyoona 20 fi barattoonni mana barumsaa Qiddus Yooseef bara 1986 eebbifaman Birrii kuma dhibba 5 deeggarsa taasisaniiru.

Ittaanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee deeggarsicha fuudhaniiru.

Balaa birmadummaa Ityoophiyaarratti aggaamame qolachuu isaaniif qaamolee nageenyaa hunda galateeffataniiru.

Diinagdee garee shororkeessaa ABUTiin kufe deebisanii ijaaruu fi lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an maallaqaa fi yaadaan deeggaruun hundarraa eegama jechuu ragaan Seekreteriyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.