Dhaabbileen garaagaraa lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif Birrii miiliyoona 26.3 deeggarsa taasiisan
Finfinnee, Sadaasa 26, 2014 (FBC) – Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa fi dhaabbanni deeggarsaa Seenter Foor Internashinaal Riiproodaaktiiv Heelzii jedhamu lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif meeshaalee Birrii miiliyoona 26.3tti tilmaamamu deeggarsa taasiisaniiru.
Dhaabbatichi dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa waliin ta’uun meeshaalee yaalaa fi kanneen biroo Birrii miiliyoona 20 olitti tilmaamamu Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Konpireeheensiiv Dabra Birihaaniif deeggarsa taasiiseera.
Buqqaatootaaf ammoo meeshaalee nyaataa, uffataalee fi qulqullinaa deeggarsa taasiiseera.
Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaas Birrii miiliyoona 6.3tti tilmaamamu buqqaatootaaf deeggarsa taasiiseera.
Deeggarsi eegalame cimee kan itti fufu ta’uu Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Eergoogee Tasfaayeen ibsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.