Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Federaalaa guyyaa tola ooltummaa waloon kabajaa jiru

Finfinnee, Qaammee 1, 2014 (FBC) – Ministeerri Fayyaa, Barnootaa fi Hojii fi Ogummaa guyyaa tola ooltummaa waloon kabajaa jiru.
Manneen Hojii kunneen Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa waliigalaa fi sadarkaa jalqabaa Miniliikitti sagantaalee adda addaan kabajaa jiru jedhame.
Manneen barnootaa qulqulleessuu, miidhagsuu, biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuun kabajaa jiru jedhameera.
Saganticharratti Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, kan barnootaa Piroofeesar Birihaanuu Naggaa, Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariiyaat Kamiil dabalatee keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru jedhame.
Sagantichi adeemsa baruu fi barsiisuu bara barnootaa 2015 milkeessuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.