Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Diimookiraasii karaa bilisaa fi walaba ta’een itti gaafatamummaa isaanii ba’uu qabu – Obbo Taaggasee Caafoo

Finfinnee, Caamsaa 28, 2016 (FBC) – Dhaabbileen Diimookiraasii karaa bilisaa fi walaba ta’een itti gaafatamummaa isaanii ba’uu akka qaban Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoon ibsan.

Leenjiin ijaarsa dandeettii dhaabbilee Diimokiraasii, Manneen Maree naannolee fi federaalaaf magaalaa Bishooftuutti kennamaa jira.

Leenjicharratti kan argaman Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoon, Manneen Maree hirmaannaa ummataa mirkaneessuun, hammattoo seeraa bu’aa qabeessa qopheessuun, hojiilee hordoffii fi to’annoon gaaffileen ummataa akka deebii argatan xiyyeeffannoon hojjechuu qabu jedhan.

Dhaabbileen Diimokiraasii ijaarsa biyyaa keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu eeruun, karaa bilisaa fi walaba ta’een itti gaafatamummaa isaanii ba’achuu akka qaban hubachiisaniiru.

Keessattuu dhaabbileen miidiyaa odeeffannoo sirrii ummata biraan gahuu fi yaadoota hawaasa biraa ka’anirratti hojjechuun, akka biyyaatti dhimmoota waloorratti xiyyeeffachuun aadaa Diimokiraasii ijaaruurratti hojjechuu akka qaban ibsuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.