Dhaabbileen deeggartootaa lammiilee Ityoophiyaa deeggarsa namoomaa barbaadan akka deeggaran gaafatame
Finfinnee, Amajjii 13, 2015 (FBC) –Ityoophiyaatti lammiileen miiliyoonni 21.2 ol deeggarsa yeroo kan barbaadan ta’uu Komishiniin hoggansa Sodaa balaa beeksiise.
Dhaabbileen deeggartootaa lammiilee Ityoophiyaa deeggarsa namoomaa barbaadan kanneeniif deeggarsa akka taasiisan komishinichi gaafateera.
Ityoophiyaatti yeroo ammaa sababa balaa uumamaa fi namtolcheen lammiileen miiliyoonni 21.2 ol deeggarsa namoomaa yeroo kan isaan barbaachisu ta’uu Komishinii Hoggansa Sodaa Balaatti Daayreektarri Hariiroo Ummataa Obbo Dabbabaa Zawdeen Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Lammiileen miiliyoonni 4.6 ol kanneen qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an ta’uu himaniiru.
Kaaba biyyattiitti lammiilee rakkoof saaxilamaniif hanga ammaatti meeshaaleen nyaataa fi nyaatan alaa Meetirik Tooniin kumni dhibbi 1 fi kumni 49 fi 496 raabsamuu kaasaniiru.
Guutuu biyyattiitti lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii daraan olaanaa ta’uu isaan deeggarsi yeroo ammaa dhiyaataa jiru ga’aa miti jedhan.
Dhaabbileen deeggartootaa lammiilee deeggarsa namoomaa isaanii barbaachisu kanneeniif tumsa barbaachisu akka taasiisan Obbo Dabbabaan gaafataniiru.
Malaakuu Gadiftu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.