Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen deeggarsa maaddii dhalootaaf taasisuu itti fufan

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC) – Dhaabbileen adda addaa deeggarsa maallaqaa maaddii dhalootaaf taasisuu itti fufuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksise.

Dhaabbileen garaagaraa marsaa 3ffaaf deeggarsa maallaqaa Maaddii Dhalootaaf taasisuu itti fufuu Waajjirri Muummee Ministiraa ifoomseera.

Haaluma kanaan Baankiin Awaash Birrii miiliyoona 268 ol, dhaabbanni Inshuraansii Ityoophiyaa Birrii miiliyoona 50, dhaabbanni dhuunfaa Sayid Yaasiin itti gaafatamummaa isaa murtaa’e Birrii miiliyoona 20, Bulchiinsi Lotarii biyyaalessaa Birrii miiliyoona 12.7 ol,Dhaabbanni Tajaajila Poostaa Ityoophiyaa Birrii miiliyoona 10.6 ol deeggarsa taasiisaniiru.

Akkasumas Dhaabbanni TAF Ooyil Birrii miiliyoona 10, dhaabbanni Daldalaa Amdahuun Jeneraal Birrii miiliyoona 10, MWS Tireediing Birrii miiliyoona 10, dhaabbanni Ijaarsaa MCG Birrii miiliyoona 10 fi Dhaabbanni Bishaanii Dhugaatii Goold Birrii miiliyoona 10 deeggarsa taasiisuu isaanii ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.