Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Daawwachiistotaa fi Imalaa Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaa biyya daawwachiisuuf qophii ta’uu ibsan

Finfinnee, Amajjii 3, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaanonni dhaaloota 2ffaa biyya alaa jiraatan biyya isaanii akka beekaniif tattaaffii taasifamuuf itti gaafatama isaanii bahachuuf qophii ta’uu Dhaabbileen Daawwachiistotaa fi Imalaa ibsan.

Waamicha biyyaalesssaa dhiyaate hordofee Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaa gara biyyaa dhufaa jiru.

Hoji Gaggeessaan Dhaabbata Daawwachiisaa fi Imalaa Pileezhar Naahoom Admaasuun, dhaabbanni isaanii turtii keessummoota Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaan taasisaniin biyya isaanii akka beekan taasisuuf qophii xumuruu ibsan.

Tajaajila kennaniif hir’isa gatii akka taasisan ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, Hoji Gaggeessaan Dhaabbata Daawwachiisaa fi Qopheessaa Sagantaalee Saliiviritii Ashannaafii Kaasaan akka ibsanitti, Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaa bakkeewwan hawwata tuurizimii daawwachiisuun biyya isaanii akka beekaan ni taasisna jedhan.

Itiyoophiyaa qixa seenaa qabduun beeksisuuf hunduu waan irraa eegamu hojjechuu akka qabu FBC’f ibsaniiru.

Misooma tuurizimiif nageenyi murteessaa waan ta’eef, mootummaa dabalatee kutaaleen hawaasaa xiyyeeffanaa kennuun hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Solomoon Yittaayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.