Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen barnootaa qulqullina barnootaa mirkaneessuun lammii Ogummaan ga’oome horachuu qabu- Dooktar Tolaa Bariisoo

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC)– Dhaabbileen barnootaa qulqullina barnootaa mirkaneessuun lammii Ogummaan ga’oome horachuu akka qaban hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo ibsan.

Ijaarsa Gamoo Yuunvarsiitii Adveentiistii Ityoophiyaaf dhakaan bu’uuraa kaa’ame.

Bara 1947 Mana Barnootaa Sadarkaa jalqabaatiin hundeeffamuun gara Koollejjiitti kan guddate Manni Barnootaa Kuyyaraa Adiveentistii, kutaa biyyattii garaa garaarraa barattoota simatee qulqullinaan barsiisuun hayyoota heddu biyyaaf gumaachuu himameera.

Keessumattuu Ijoollee maatii harka qalleeyii fi haadhaa fi abbaa hin qabne bilisaan barsiisuun hedduunsaanii hayyoota taasisuu eerameera.

Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo, sirna dhakaa bu’uuraa kaa’uurratti argamuun, Manni Barnootaa Kuyyaraa Adiventistii hayyoota beebbekkamoo kanneen akka Dooktar Guddataa Hinikkaa biyyaaf gumaachuu ibsaniiru.

Manni Barnootaa Kuyyaraa Adiveentistii naamusa jiddu gala godhatee, barattoota simatee barsiisuun lammii ga’oomee fi qalbii qaban biyyaaf horachuu keessatti gahee guddaa qabachuu kaasaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa galma ga’iinsa Yuunvarsiitii Adiventistii Ityoophiyaaf deeggarsi barbaachisu hundi kan taasifamuuf ta’uu dubbataniiru.

Kolleejjiin Adiveentistii Ityoophiyaa gara Yuunvarsiitiitti ol guddachuun, hawaasa naannichaatiif carraa guddaa ta’uu Ittaanaan Kantiibaa Magaalaa Shaashamannee Obbo Ibraahim Kadir eeraniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Shaashammannees, Yuunvarsiitichaaf deeggarsa gama hundaa kan taasisuuf ta’uu himaniiru.

Ijaarsi Yunvarsiitichaa waggoota Shan keessatti akka xumuramuuf  hojjatamaa jiraachuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.