Dhaabbileen barnootaa olaanoon hoggansa ga’umsa qabu akka qabaatan hojjetamaa jira – Piroofesar Birhaanuu Naggaa
Finfinnee, Sadaasa 11, 2017 (FBC) – Dhaabbileen barnootaa olaanoon hoggansa ga’umsa qabuun akka hogganaman hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaan ibsan.
Ministeerri Barnootaa fi Akkaadaamiin Hoggansaa Afrikaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Ramaddiin hoggansa Dhaabbilee Barnootaa Olaanoon ga’umsarratti kan hundaa’e akka ta’u hojjetamaa jiraachuu Piroofesar Birhaanuun ibsaniiru.
Waliigalteen mallattaa’e hoggantoota ga’umsa qabu horachuufis ta’ee qabeenya sirnaan fayyadamuuf haala mijataa kan uumu ta’uu eeraniiru.
Hoggansa cimaa horachuuf imaammanni hoggansaa ifaa ta’e, sirni madaallii hoggansaa saayinsaawaa ta’ee fi Sagantaan misooma hoggansaa murteessaa ta’uu Pireezidaantiin Akkaadaamii Hoggansa Afrikaa Obbo Zaadiig Abrahaan dubbachuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia