Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen barnootaa dhaloota biyya ijaaru uumuuf hojjechuu qabu

Finfinnee, Amajjii 20, 2012 (FBC) – Dhaabbileen barnootaa dhaloota biyya ijaaru uumuu keessatti qooda qaban ba’achuuf hojjechuu qabu jedhame.

Ministeerri Aadaa fi Turiizimii dhaabbilee barnootaa fi qooda fudhattoota waliin ga’ee dhaabbileen barnootaa ijaarsa biyyaa keessatti gumaachuu qaban irratti marii gaggeessaa jiru.

Waltajjii kana irrattis dhaabbileen barnootaa, sirni barnootaa, barsiisonnii fi barattoonni waa’ee aadaa biyyaa haalaan hubatanii dhaloota itti aanuuf seeraan dabarsuu akka qaban dubbatameera.

Waltajjii marii kana irratti barreeffamni qorannoo hayyootaan dhiyyaachuun marii bal’aan irratti taasifameera.

Dhaabbileen barnootaa fi maatiin dhaloota ijaarsa biyyaa keessatti qooda qaban uumuuf itti gaafatamummaan hojjechuu akka qaban hayyoonni kunneen ibsaniiru.

Sirni barnootaa biyyattii xinsammuu dhaloota roga gaariin ijaaruu irratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabus ibsameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.