Dhaabbileen Barnoota Olaanoo Oromiyaatti argaman sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeessan
Finfinnee, Caamsaa 22, 2013 (FBC) – Dhaabbileen Barnoota Olaanoo mootummaa naannoo Oromiyaatti argaman sagantaa Ashaaraa Magariisaa mooraa Yunvarsiitii Arsii keessatti gaggeessaniiru.
Saganticharratti Ministira Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen, Ministira Ministeera Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Urqaattoo fi Sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaa Kilaastera Misooma Baadiyyaa Dooktar Girmaa Amantee dabalatee hoggntoonni mootummaa olaanoo federaalaa fi naannolee, akkasumas Preezdaantoonni Yunvarsiitiwwan naannoo Oromiyaa keessatti argamanii 14 hirmataniiru.
Sangantichi mata duree ‘Ityoophiyaa yaa uwwifnu’ jedhuun dhaabbilee olaanoo keessatti bal’inaan kan gaggeeddamu ta’uu Dooktar Saamu’eel Urqaattoon ibsaniiru.
Dhaabbileen Barnootaa Olaanoo hojii hojjetanii agarsiisuu hojjechuu akka qaban Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen eeraniiru.
Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.