Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen amantaa nageenya mirkaneessuuf gumaacha isaanii cimsuu qabu – Pir. Saahilawarq Zawdee

Finfinnee, Adoolessa 25, 2016 (FBC) – Dhaabbileen amantaa nageenya mirkaneessuuf gumaacha isaanii cimsuu akka qaban Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen waamicha dhiyeessan.

Yaa’iin idilee 16ffaan Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa fi waltajjiin beekamtii mata duree ‘Kanneen Gaarummaa Nuuf Oolan Haa galateeffannu, Nageenya Keenya Haa’eeggannu’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Abbootiin Amantaa fudhatama hordoftoota amantaa biratti qaban fayyadamuun nageenya waaressuuf hojjechu akka qaban Pireezidaanti Saahilawarqi saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin himaniiru.

Dhaabbileen amantii nageenya mirkaneessuuf hojii hojjetaa jiran caalmaatti cimsuu akka qaban gaafataniiru.

Ministeer Deetaan Ministeera Nageenyaa Dooktar Keeyiraddiin Tazarraan gama isaaniin, Itiyoophiyaan biyya jalqaba amantaaleen itti babal’atan ta’uu eeruun, rakkoowwan darbee darbee uumaman furuuf dhaabbilee amantaa gumacha guddaa tqabaachuu dubbachuu TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.