Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen amantaa ejjennoo Ityoophiyaan hidha haaromsaarrati qabdu hubachiisuuf qooda isaanii akka ba’an gaafataman

Finfinnee,Waxabajjii 17, 2012 (FBC – Dhaabbileen amantaa ejjennoo Ityoophiyaan hidha haaromsaarrati qabdu hubachiisuuf qooda isaanii akka ba’an gaafataman.
 
Dhaabbileen amantaa Gibtsiif ta’ee dhaabbilee gita isaanii idil addunyaaf mirga Ityoophiyaan qabeenya uummamaa isheetti fayyadamuu qabdu hobachiisuuf hojii diippiloomaasii hojjechuu akka qaban hoggantoonni amantaa Faanaa Broodkaasting Koorporeetiif himaniiru.
 
Dhaabbileen amantaa ejjennoo Ityoophiyaan qabdu hubachiisuuf ga’ee isaanii ba’uu qabu jedhan.
 
Carraa argameetti fayyadamuun haala fi dhugaa jiruu hubachiisuun barbaachisaa ta’uu hoggantoonni kunneen himaniiru.
 
Amantaan Ortodoksii Ityoophiyaa fi Gibts hariiroo bara dheeraa lakkoofsise ta’uu kan ibsan itti gaafatamaan hariiroo idila addunyaa Ortodoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa Abunee Haragaawwiin , hariiroo kanatti fayyadamuun ejjennoo Ityoophiyaa haqarratti hunda’e hubachiisuuf hojjetamuu qaba jedhan.
 
Barsiisan Amantaa Uustaaz Abbuubakarii gama isaaniin, Manni Maree Ulaamaawwanii Ityoophiyaa, Mana Maree Ulaamaa Gibtsi fi addunyaaf xaalayaa ejjennoo Ityoophiyaa ibsuu fi jila erguun dhimmicha hubachiisuuf hojjechuu akka qabu dubbataniiru.
 
Preezdaantiin Kaawunsilii amantoota wangeelaa Ityoophiyaa Dooktar Iyyaasuu Eeliyaasis, dhimmicha hubachiisuun ga’ee dhaabbilee qofa osoo hin taane qooda hordoftootaa fi qaama shoora qaban hundaa ta’uu qaba jedhan.
 
Haamtaamuu Taklasilaaseetu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.