Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee nyaataa fi Qoricha fayyaa namaa miidhaan Oomishan irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) – Dhaabbilee Nyaataa fi Qoricha fayyaa namaa miidhaan Oomishanii fi Raabsan 500 irratti tarkaanfiin fudhatamuu himame.
Abbaan Taayitaa To’annoo Nyaataa fi Qorichaalee Ityoophiyaa Dhaabbilee Nyaataa fi Qorichaalee fayyaa hawaasaa miidhan Oomishanii fi Raabsan 500 irratti tarkaanfii fudhachuu beeksiseera.
Dhaabbilee tarkaanfiin irratti fudhatame keessaa 388 kanneen damee Nyaataa irratti bobba’an ta’uu eereera.
Dhaabbileen 120 ammoo qorichaalee Oomishuu fi Raabsuurratti kan bobba’an ta’uus himeera.
Namoonni dhuunfaan Oomishaalee Nyaataa wantoota farra Fayyaa namaa ta’an waliin makuun hawaasaaf raabsaa turan Hidhaa fi Maallaqaan adabamuu dhaabbatichi ibseera.
Bara baajataa darbe dhaabbileen kumni 4 fi 510 eeyyama Oomishaa fi Raabsa Oomishaalee Nyaataa fudhachuun gara gabaatti makamuu Daayrektarri Olaantuun Abbaa Taayitichaa Heeraan Garbaa ibsaniiru.
Midhaan Toonii miiliyoona 3.6 sakattoon barbaachisu taasiifamuun gara biyyaa akka galu eeyyamni laatamuu kaasuu isaanii TOI gabaaseera.
Odeefannoo dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.