Dhaabbilee mootummaa federaalaa tajaajila fooyya’aa laatan 10f beekkamtiin laatame
Finfinnee, Bitootessa 19, 2013 (FBC)- Dhaabbanni qulqullina badhaasa Ityoophiyaa komiishinii Siiviil Sarviisii FDRI waliin ta’uun dorgoommi addaa qulqullina tajaajilaa mootummaarratti qopheesseen xumurri sagantichaa gaggeeffameera.
Saganticharratti dhaabbilee tajaajila laataan mootummaa federaalaa 10 adeemsi kenniinsa tajaajila isaanii madalamee beekkamtiin laatameera.
Dhaabbilee kurnan keessaa dhaabbaanni hojjettoota paabilik sarviisii tajaajilaa geejjibaa bifa fooyya’aa ta’een tajaajila laachuun badhaafama adda ta’eera.
Ministeerri teeknooloojii fi innooveeshinii, hospitalaa ispeeshaalaayziid Qidduus Peexroos, koolleejjii meedikaalaa Qidduus Paawloos Barkumeen ammoo badhaafamoo olaanoo ta’aniiru.
Abbaan taayitaa gabaa Ityoophiyaa, mana murtii waliigala, ministeera galiiwwanii fi komishiniin gumurukaas badhafamaniiru.
Akkasumas Ministeerri bishaan, jallisii fi inarjii ammoo waraqaan ragaa laatameefira.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.