Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee fi abbootiin amantaa nageenya hojii ijoo taasisuun hojjechuu qabu – Obbo Taayyee Danda’aa

Finfinnee, Eebla 16, 2015 (FBC) – Dhaabbilee fi abbootiin amantaa nageenya hojii ijoo taasisuun hojjechuu qabu jedhan Ministir Deetaan ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aan.

Ministeerri nageenyaa Magaalaa Jimmaatti dhaabbilee amantaa Godinaalee fi magaalota Lixa Oromiyaa waliin taasisaa jira.

Abbootiin amantaa Magaalaa fi godina Jimmaa,Buunnoo Beddeellee fi Iluu Abbaa Boor irraa walitti dhufan maricharratti hirmaataa jiru.

Hojii ijoon amantaa kamiyyuu nageenya lallabuu osoo ta’ee jiru qaamoleen fedhii dhuunfaa qaban yeroo amantaa da’eeffachuun walitti buu’insa uumaan kan mul’atu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aan ibsaniiru.

Abbootiin amantaas ta’ee dhaabbileen amantaa kaayyoo jarreen kanaa irratti dammaquun dura dhaabbachuu qabu jechuun himaniiru.

Ministeerri Nageenyaa, amantaa fi amantaa gidduuttii nageenyi akka jiraatu, amantaa fi mootummaa gidduutti walitti dhufeenyi gaariifi Seera qabeessi akka jiraatuu fi amantaan hundi hojii misoomaa fi nageenyaa keessatti ga’ee isaanii dammaqinaan akka ba’ataniif cimsee hojjetaa jiraachuu dubbachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Jimmaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.