Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee daldalaa sharafa alaa seeraan alaarratti boba’an argaman

Finfinnee, Hagayya 12, 2015 (FBC)- Dhaabbileen daldalaa sharafa alaa seeraan alaa keessatti hirmaatan maallaqa biyyaa keessa fi biyyoota alaa garagaraa waliin bira ga’amuu Poolisiin beeksise.

Poolisiin Magalaa Finfinnee, Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaaleessaa waliin qindoominaan oppireeshinii gaggeesseen Kutaa Magaalaa Boolee manneen dhugaatii bakkeewwan garaagaraatti maallaqni biyyoota garaagaraa fi biyya keessaa to’atamaniiru.

Manneen dhugaatii eeyyama daldalaa seera qabeessaa da’eeffachuun, Gabaa Gurraachaan sharafa alaa sharafuurratti bobba’anii turuun akka mirkanaa’e ibsameera.

Waliigalaan manneen 11 ol irratti qorannoo fi oppireeshinii gaggeeffameen dhaabbileen shan maallaqa biyya keessa dabalatee maallaqa biyyoota 15, shakkamtota waliin to’atamuun himameera.

Dhaabbilee eeyyama seera qabeessa da’eeffachuun hojiilee seeraan alaarratti boba’an irratti hojiin tarkaanfii fudhachuu cimee kan itti fufu ta’uu Poolisiin Finfinnee beeksiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.