Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee daldalaa hoji daldalaarratti burjaajjii uuman kuma 25 fi 68 irratti taarkanfiin fudhatame

Finfinnee, Eebila 14, 2012 (FBC)- Vaayrasiin koroonaa muul’achun walqabsisee dhabbiilee daldalaa hoji daldalaa burjaajjessan kuma 25 fi 68 irratti taarkanfiin fudhatamu Ministeerri Daldalaa fi Indastirii beeksise.

Ministirri ministeerichaa obbo Malaakuu Aallabal, ibsa laataniin,dhaabbileen daldalaa kanneen irratti tarkaanfiin akeekkachisa hanga saamsuutti fudhatamuu ibsaniiru.

Kanaanis dhaabbileen daladalaa kumni 13 fi 350 saamsamaniiru.

Dhaabbileen daldalaa 404 ammoo eeyyamni isaanii dhoorkamu himaniiru.

Kanarra darbees dhaabbilee daldalaa 890 eeyyamni daldalaa isaanii haqamuun kumni 10 ammoo akkeechisni kennamuufi beeksaniiru.

Kana waliin walqabsisuun namoonni dhuunfaa 420 ta’an to’atannoo jala oolu obbo Malaakuun himaniiru.

Ministirichi ibsa laataniin dhiyeessi oomishaa foyyeessuu fi oomishaa biyya keessa guddisuuf hojjetama jira jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.