Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee barnootaa olaanoo qajeelfama darban 106 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Dhaabbilee barnootaa olaanoo qajeelfama cimaa darban 24 fi qajeelfama salphaa darban 82 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii beeksiseera.
Abbaan Taayitichaa magaalaa Finfinneetti dhaabbilee barnootaa olaanoo dhuunfaa 108 fi Kaampaasiiwwan 147 irratti sakattoo tasaa gaggeesseen dhaabbilee dhuunfaa fi Kaampaasiiwan qajeelfama darban 24 irratti tarkaanfii sagantaa, kaampaasii fi dhaabbata cufuu fudhachuu himeera.
Dabalataan dhaabbilee barnootaa olaanoo dhuunfaa 82 qajeelfama salphaa darbaniif of eeggannoo laachuu ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.