Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee amantaa garaagaraa waliin walitti dhiyeenyaan hojjachuu itti fufna – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Sadaasa 25, 2016 (FBC) – Dhaabbilee amantaa garaagaraa waliin walitti dhiyeenyaan hojjachuu itti fufna jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Gaafiiwwan hawaasa Musliimaa barootaaf deebii dhabanii turan mootummaa jijjiiramaatiin deebiii argachuu bu’uura godhachuun ”Boqonnaa itti aanu jijjiirama hunda galeessaaf” mata duree jedhuun konfaransiin galateeffannaa fi nageenyaa gaggeeffameera.

Jijjiiramicha hordofuun heddummina yaada keessa galchuun tajaajila walqixaan kennamee fi haqummaa argameef beekamtii hawaasni musliimaa laataniif galateeffataniiru.

Fuuldurattis walqixxummaa ummattootaaf, nageenyaa fi waloomina mirkaneessuuf tajaajila haqa qabeessa kennuun dhaabbilee amantaa magaalaa garaa garaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjachuu itti fufna jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.