Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbii biqiltuu Guyyaa tokko milkeessuuf qophiin xumuramuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 8, 2016 (FBC) – Sagantaa Dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa guyyaa tokko milkeessuuf qophiin xumuramuu Koreen Teeknikaa Ashaaraa Magariisaa biyyaalessaa beeksise.

Bara kana sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuu biiliyoona 7.5 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu walitti qabaa Itti Aanaan korichaa Getaachoo Gizaw eeraniiru.

Qaama sagantichaa kan ta’e sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo Adoolessa 17, 2016 gaggeeffamu milkeessuu qophii xumuramuu himaniiru.

Ragaa biqiltuu dhaabbatuu sirnaan gurmeessuuf qophii gahaan taasiifamuu dubbataniiru.

Hawaasni saganticha milkeessuuf qooda irraa eegamu akka bahu waamicha dhiyeessaniiru.

Bara 2015 guyyaa tokkotti biqiltuun miiliyoonni 500 ol dhaabachuun kan yaadatamuudha.

Naannoo Oromiyaattis Sagantaa duula dhaabbii biqltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo Hagayya 17, 2016 gaggeeffamuun biqiltuu miiliyoona 520 dhaabuuf haala-dureewwan barbaachisan hundi xumuramuu Biiroon qonnaa naannichaa keeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.