Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatni bishaan Gold hawaasa booranaa hongeen miidhameef deeggarsa Birrii miiliyoona 25tti tilmaamamuu taasise

Finfinnee, Guraandhala 24, 2015 (FBC) – Dhaabbatni bishaan Gold hawaasa booranaa hongeen miidhameef deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 25tti tilmaamamuu taasiseera.

Dhaabbatichi midhaan caalla, daakuu, bishaanii fi margaa beeliin hidhame waliigala deeggarsa Birrii miiliyoona 25 taasisuu itti aanaa hojii gaggeessaan bishaan Gold, Obbo Darajjee Taaddasaa ibsaniiru.

Dhaabbatichi deeggarsa hatattamaa taasiseen olitti rakkoo hawaasichaa itti fufiinsaan furuuf iddoolee gar-malee miidhamaa jiraniif dursa kennuun boolla gadi fagoo qotuun bishaan baasuuf murteessuu ibsaniiru.

Dhaabbatichi Boolla gadi-fagoo qotuun bishaan baasuuf Birrii miiliyoona 30 ramaduus obbo Darajjeen himaniiru.

Itti aanaa Hoogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Dooktar Maallicha Lojee, deeggarsa dhaabbatichi taasiseef galateeffachuun, Dhaabbilee fi abbootiin qabeenyaa biroos hawaasa godinaalee Oromiyaa biroof deeggarsa hatattamaa akka taasiisan waamicha dhiyeessuu EBCn gabaaseera.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.