Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf waan irraa eeggamu hunda gochaa jira – Dr Teediroos

Finfinnee, Eebila 24, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf waan irraa eeggamu hunda taasisaa jiraachuu Dooktar Teediroos Adihaanoom ibsaniiru.
 
Weeraricha to’achuuf dhaabbatichi yeroon qisaasesse tokkollee hin jiru jedhan Daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom.
 
Dhibichi sodaa fayyaa addunyaa ta’uu isaa Baatii Amajjii keessa ifoomsuu isaa yaadachiisuun, addunyaan weeraricha ittisuuf tarkaanfii barbaachisu akka fudhattu yeroo ga’a kan kenne ture jedhan.
 
Yeroo Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhibichi sodaa fayyaa addunyaa ta’uu akka danda’u ifoomsu Chaayinaatti namoota 82 qofatu dhibichaan qabamee ture jedhan Dooktar Teediroos.
 
Yeroo ammaa Baatii 3 keessatti addunyaarratti namoonni miiliyoonni 3 fi kumni dhibbi 3 fi kumni 44 ol dhibichaan qabamuu kan ibsan Dooktar Teediroos, namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 38 ol ammoo du’aniiru jedhan.
 
Dooktar Teediroos komii ittisa weerara vaayrasichaan walqabatee Dhaabbata Fayyaa Addunyaarratti ka’u ilaalchisee deebii laataniiru.
 
Dhaabbichi ga’eerraa eeggamu haalan ba’aa jiraachuu ibsaniiru.
 
Dhaabbanni Fayyaa Adunyaa dhibichi ammas sodaa fayyaa hawaasa addunyaa ta’uun kan itti fufu isaa hubachiisera.
 
Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Chaayinaaf looga jechuun komachuun isaanii kan yaadatamuudha.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.