Dhaabbatichi oomishaalee Birrii biiliyoona 2.6 baasaan gabaaf dhiyeesse
Finfinnee, Amajjii 1, 2017 (FMC) – Dhaabbanni Misooma Galteewwan Indaastirii Itiyoophiyaa baatiwwan shanan darban keessa oomishaalee Birrii biiliyoona 2.6 ol baasaan gabaaf dhiyeessuu beeksise.
Kaayyoon dhaabbichaa olaanaan gabaarratti dhiyeessii gahaa fi walitti hidhamiinsa cimaa uumuu ta’uu Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Dhaabbata Misooma Galteewwan Indaastirii Itiyoophiyaa Aadde Yeshiimabeet Nagaash Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Akkaatuma xiyyeeffannoo mootummaan Indaastiiwwan Oomishaaf meeshaalee dheedhii fi galteewwan dhiyeessaa jiraachuu kaasaniiru.
Akkasumas meeshaalee bu’uuraa gatii madaallawaa dhiyeessuun daballii gatii tasgabbeessuu keessatti gumaacha taasisaa akka jiru eeraniiru.
Baatiwwan shanan darban oomishaalee Birrii biiliyoona 2.6 ol baasaan gabaaf dhiyeessuun qaala’iinsa gabaa tasgabbeessaa jiraachuu himaniiru.
Malaakuu Gadiftu gabaase.
#Oromia #Ethiopia