Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi meeshaalee yaala Fayyaa naannoo Tigraay akka hin geessine mootummaan dhorkameera jechuun dhugaarraa kan fagaate – Mootummaa

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa meeshaalee yaala Fayyaa naannoo Tigraay akka hin geessine mootummaan dhorkameera jechuun dhugaarraa kan fagaate ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.
Daayreektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom adeemsa qajeeltoo fi duudhaa dhaabbatichaa cabsaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiiseera.
Dooktar Teediroos ibsa guyyaa kaleessaa laataniin meeshaaleen yaala fayyaa gara naannoo Tigraay akka hin galle mootummaan nu dhorkeera jechuun odeeffannoo sobaa laachuu tajaajilichi ibseera.
Lammiileen naannoo Tigraay keessa jiraatan tajaajila yaala Fayyaa akka hin arganne taasifameera jechuunis dubbachuu isaanii himeera.
Yaa ta’uutii ibsi daayreektarichi laate dhugaarraa kan fagaatee fi olola sobaan mootummaa yakkaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Doktar Laggasaa Tulluun ibsaniiru.
Hidhattoonni Garee shororkeessaa ABUT naannoo Afaar weeraruun daandii cufuun meeshaaleen yaala Fayyaa fi deeggarsi namoomaa gara naannichaa akka hin seenne taasiisuun osoo beekkamuu daayreekterichi mootummaa komachuun sirrii kan hin taane ta’uu Dooktar Laggaseen dubbataniiru.
Garichi Koriidaroota daddabarsa deeggarsa namoomaa cufuu hordofee Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii torbanitti guyyoota sadi Xiyyaaraan deeggarsa namoomaa imalchiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Sababa kanaan dhaabbata Fayyaa Addunyaa dabalatee hawaasni idil addunyaa deeggarsi meeshaalee yaala Fayyaa gara naannoo Tigraay akka hin seenne dhorkaa kan jiru garee shororkeessaa ABUT ta’uu hubachuu akka qaban Dooktar Laggaseen hubachiisaniiru.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ifatti garee shororkeessaa ABUT balaaleffachuu akka qabu ibsaniiru.
Dhaabbatichi naannolee Ityoophiyaa sababa waraanaan miidhaman walqixa karaa haqa qabeessa ta’een tajaajiluu osoo qabuu naannoo tokko qofarratti xiyyeeffachuun akkaataa qajeeltoo dhaabbatichaan sirrii kan hin taane ta’uu eeraniiru.
Daayreekterri olaanaan dhaabbatichaa Dooktar Teediroos Adihaanoom odeeffannoo dogoggoraa tamsaasaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii mootummaa Dooktar Laggasee Tulluun himaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.