Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi konkolaattota fe’umsaa haaraa 185 hojii eegalchiise

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015(FBC)- Dhaabbanni Tajaajila Geejjiba Galaanarraafi Loojistikii Ityoophiyaa konkolaattota fe’umsaa haaraa 185 guyyaa har’aa hojii eegalchiiseera.

Saganticharratti argamuun haasawaa kan taasisan Hojii Raawwachiisaan dhaabbatichaa obbo Roobaa Magarsaan, tajaajila daldala alaa guddachaa dhufe saffisiisuuf dhaabbatichi xiyyeeffannoon hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.

Bara 2013 asitti tattaaffii konkolaattota fe’umsaa babal’isuuf taasifameen bittaan konkolaattota 373 raawwachuun gara hojiitti galuu kaasaniiru.

Guyyaa har’aas konkolaattonni fe’umsaa baasii Birrii biiliyoona 1.4 oliin bitaman hojii ni eegalu jedhaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaafi Loojistikii Dhengee Boruu gamasaaniin, imala badhaadhinaa biyyattiin taasisaa jirtu milkeessuuf damee loojistikii cimsuun barbaachisaadha jedhan.

Kanaaf dhaabbatichi gama geejjiba galaanarraafi lafarraan hojii bu’aa qabeessa hojjechaa jiraachuu eeruun, konkolaattonni haaraan hojii eegalan daldala alaa saffisiisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Ministeerichis deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uufi dhaabbaticha keessatti konkolaattonni 572 tajaajila geejjibaa kennaa jiraachuu ibsaniiru.

Saamu’eel Warqaayyahutu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.