Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Olankomiitti Giddugala Gargaarsaa Birrii miliyoona 500 oliin ijaarsisuuf jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Walgargaarsaa ‘Baabuul Keeyir’ Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejersa Lafoo Magaalaa Olankomiitti Giddugala Gargaarsaa, Bashannanaa fi Leenjii Dargaggootaa Birri miliyoona 500 oliin ijaarsisuuf ta’uu ibsame.

Ijaarsa giddugalichaaf dhagaan bu’uuraa bakka miseensoonni diyaaspooraa fi hoggantoonni aanaafi magaalaa argamanitti dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.

Giddugalichi lafa heektaara tokko irratti kan ijaaramu yoo ta’u waggaa lama keessatti kan xumuramu ta’uu ibsameera.

proojektichi carraa hojii dargaggootaaf uumuu fi daa’immanii fi maanguddoota gargaarsa barbaadan 300 oliif gaaddisa ta’uurra darbee guddina magaalattiif bu’uura kan kaa’u ta’uu bulchiinsi magaalaa Olankomii eereera.

Giddugalichi proojektii walfakkaatu Magaalaa Finfinnee irraa kan qabuufi Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti damee 2ffaa ji’a tokko booda akka eebbisu himamuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.