Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi dhaabbilee idil addunyaa 2 waliin xaa’oo biyyoo deddeebisuuf waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Muddee 6, 2012 (FBC) – Dhaabbatichi dhaabbilee idil addunyaa 2 waliin xaa’oo biyyoo deddeebisuuf waliigaltee mallatteesse.

Dhaabbanni Loojastiiksii Geejiba Galaanaa Ityoophiyaa xaa’oo biyyoo toonii miiliyoona 1.5 deddeebisuuf dhaabbilee idil addunyaa lama waliin waliigaltee mallatteessera.

Dhaabbatichi waliigalticha kan mallatteesse DHL fi Diyaamand Shiip Buukar waliini.

Akkaataa waliigaltichaatin dhaabboileen kanneen xaa’oo biyyoo toonii miiliyoona 1.5 gara biyyaa ni galchu.

DHL toonii kuma 900, Diyaamand Shiip Buukar ammoo toonii kuma dhibba 5 fi kuma 60 geejibsiisuuf waliigalameera.

Hoji raawwachiisan Dhaabbata Loojastiiksii Geejiba Galaanaa Ityoophiyaa obbo Roobaa Magarsaan akka jedhanitti dhaabbilee kanneen muuxannoo ga’aa qabu.

Baasin geejibichaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 42 fixa jedhameera.

Adeemsicha kan hogganuu fi qindeessu Ministeera Geejibaati.

Waxabajjii 2012 dura xaa’oon kun guutummaan gara biyyaa ni gala jedhameera.

Xaa’ichi Moorookoo, Chaayinaa, fi Emmireetota Arabaa Gamtoomanii geejibsiifama jechuun TOI gabaasera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.