Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi bu’aa qabeessummaa daldala Bilisaa Naannawaa Afrikaaf tumsa taasiisuuf qophiidha – Antooniyoo Guutareez

Finfinnee, Guraandhala 11, 2015 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii bu’aa qabeessummaa daldala Bilisaa Naannawaa Afrikaaf tumsa taasiisuuf qophii ta’uu Barreessaa Olaanaan dhaabbatichaa Antooniyoo Guutareez ibsan.

Dhaabbtichi bu’aa qabeessummaa Daldala Bililsaa Naannawaa Afrikaaf kan hojjetu ta’uu fi deeggarsa taasiisuufis qophii ta’uu kaasaniiru.

Afrikaan kuufama qabeenya uumamaa hedduu qabaattus sirnaan itti fayyadamuu hin dandeenye jedhan.

Nageenyaa waaraa, misooma itti fufaa fi fayyadamummaaf waloon hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Walitti hidhamiinsa Daldala Bilisaa Afrikaan eegalte dhugoomsuun Ardichatti jijjiirama qabatamaa fiduuf qooda olaanaa qabaachuu Antooniyoo Guutareez kaasaniiru.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniis tumsaa fi deeggarsa barbaachisu hunda taasiisuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.