Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi Bu’aa Birrii biiliyoona 8 ol argachuu ibse

Finfinnee, Adoolessa 19, 2016 (FBC)- Dhaabbanni Loojistiksii fi Geejjiba Galaana Itiyoophiyaa bara baajataa 2016tti bu’aa Birrii biiliyoona 8 argachuu beeksiseera.

Dhaabbatichi bara baajatichaatti galii Birrii biiliyoona 57.14 walitti qabuus ibseera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Dooktar Baariisoo Amaloon,hojiilee guguddoo bara baajatichaa hojjetaman ilaalchiisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Ibsa kennaniin, galii dhaabbatichaa guddisuuf ,dandeetii fe’umsa Dooniiwwaanii fi konkolaatoota dabaluun, tajaajila si’ataa fi teeknooloojjiin deeggarame kennuun hojjetamaa turu kaasaniiru.

Haaluma kanaan bara baajatichaati bu’aa Birrii biiliyoona 6.7 argachuuf karoorfamee Birriin biiliyoonni 8 argamuu himaniiru.

Dabalataan galii Birrii biiliyoona 51.6 walitti qabuuf karoorfamee galiin Birrii biiliyoona 57.14 walitti qabamuun ibsuu TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.