Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi bosona ofiin bulchu hektaara miiliyoona 3.6 keessaa hektaara miiliyoonni 1.7 irratti waraqaa ragaa fudhate

Finfinnee, Mudde 2, 2015 (FBC) – Dhaabbanni Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaa bosona ofiin bulchu hektaara miiliyoona 3.6 keessaa hektaara miiliyoonni 1.7 irratti waraqaa ragaa argachuu beeksise.

Daayrektarri Olaanaan dhaabbatichaa obbo Araarsaa Raggaasaa bosonni akka hin ciramne eeguun gamatti diinagdee naannichaaf ga’ee jabaa ba’ataa jiraachuu eeraniiru.

Dameewwan dhaabbatichaa sagal keessaa dameen Arsii bara 2014 milkaa’ina eegumsa bosonaatiin sadarkaa 2ffaa ba’uu ibsameera.
Dameen Arsii bosona lafa hektaara kuma 500 fi kuma 18 bulchaa jiraachuu ibsameera.

Cirama bosonaa fi daddabarsa mukaa gama seeraan alaatiin ta’aa jiru guutumatti hambisuudhaaf hojjechuun barbaachisaa ta’uu bulchaan Godina Arsii Lixaa obbo Ahimad Hajjii hubachiisaniiru.

Bara 2014tti hojii isaaniin Damee Finfinneetti aanuun 2ffaa kan ba’e Dameen Arsii Yaa’ii Idilee 15ffaa Koree Hoji Raawwachiiftuu Hojjattoota waamerratti hojjettoota isaaf beekamtii kenneera.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.