Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi bara baajatichaatti projeektiwwan shan xumuruuf hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Fulbaana 4, 2017 (FBC)- Humni Elektirikaa Itiyoophiyaa bara baajataa 2017tti daddabarsa humna elektirikaa fi buufatalee raabsa dabalatee pirojeektiwwan shan xumuruuf hojjechaa jiraachuu beeksise.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Humna Elektirikii Itiyoophiyaa Injiinar Ashabbir Baalchaa, piroojekti humna elektirikii diriirsuu kiiloo voltii 230 Allaamaaxaa, Kombolchaa, Laga Xaafoo, buufata raabsa humna Ielektirikaa Boqqojjii fi Dabra Taabor, haaromsa fi fooyya’insa mooraa Kotobee xumuruuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataan hojii haaromsa Waajjira Qindeessaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa guutuumman guutuutti xumuruuf hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.