Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbata Paartinarshiip Foor Itoophiyaaf eeyyamni haaraan Teeleekoomii akka laatamu murtaa’e

Finfinnee, Caamsaa 14, 2013 (FBC) – Abbaan Taayitaa Koominiikeeshinii Ityoophiyaa Dhaabbata Giloobaal Paartinarshiip Foor Itoophiyaaf eeyyama haaraa Teeleekoomii biyyaleessaa akka laatu murtaa’eera.
Manni Maree Ministirootaa har’a murtee seena qabeessa ta’e murteesseera jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Abbaan Taayitaa Koominikeeshinii Ityoophiyaa eeyyama teeleekoomii haaraa sardarkaa biyyaatti dhaabbata Giloobaal Paartinershiip foor Itoophiyaa jedhamuuf akka kennu Manni Marichaa sagalee guutuudhaan murteessuu ibsaniiru.
Dhaabbatichi kaffaltii eeyyamaa olaanaa fi karoora invastimantii amansiisaa kan dhiyeessedha jedhan Dooktar Abiy Fuul Feesbuukii isaaniin.
Waliigalatti invastimantii Doolaara Ameerikaa biiliyoona 8 ol jechuun invastimantiiwwan alaa kallattiidhaan hamma har’atti Ityoophiyaatti taasifaman keessaa isa guddicha isa taasisa.
Karoorri keenya Itoophiyaa guutummaatti tajaajila diijitaalaatti galchuu daandii qabateera jedhaniiru.
Qaamolee adeemsa iftoominaa fi milkaa’inaan guutame kana galmaan ga’an hundi galateeffataniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.