Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni ykn namni dhuunfaa meeshaa waraanaa qabu kamiyyuu dirqama galmeessisuu qabu- Abbaa Alangee Waliigala

 

Finfinnee, Eebila 25, 2012 (FBC) – Dhaabbanni ykn namni dhuunfaa meeshaa waraanaa qabu kamiyyuu waggoota lamaan dhufan keessaatti dirqama galmeessisuu akka qaban Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa beeksiseera.

Labsin sirni meeshaa waraanaa qabachuu, bituu fi gurguruun beekamti mootumma qofaan raawwatama jedhu hojiirra ooleera.

Haati Alangaa Waliigalaa FDRI aadde Adaanachi Abeebee, labsiin bahee hanqina bulchinsaa fi sosochii meeshaa waraanaa seeraan alaa ni sirreessaa jedhaniiru.

Ityoophiyaan hanga ammaa meeshaa waraanaa gurguruu fi daddabarsuun seeraan beekamtiin kan hin laatamnee fi qamni kennameefis waan hin jirreef bittaa fi daddabarsii raawwatama ture karaa seeraa kan hin hordoofneedha.

Bu’uura labsichaan eeyyamni meeshaa waraanaaf kennamu waggaa waggaan ni haareeffaama, abbaan eeyyamichaas waggaa waggaatti kaaffalti ni raawwata jedhaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.